Ummatni Oromoo gaafa biyyaa fi mirga isaa sarbamee kolonii Habashaa jalatti kufee as bifa garaa garaatiin naannoo addaa addaatti fincilaawwan diddaa kolonii fi diddaa gabrummaa akka gochaa ture seenaa irraa ni hubanna.
Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9, 2005 labsa ABO irraa kannameen eegalame kunis wareegama kaleessa qabsaawonni Oromoo qaqqaaliin baasanii asiin ga’an akka ta’e ifaa dha. Fincilli kunis kaabaa- kibbatti, bahaa- dhihattii fi gidduu galeessatti walitti dhaammachuudhaan daran barattoota oromoo bakka sadarkaa hundaatti kan hirmaachisee fi ummata oromoo bakka bakkatti diddaa gabrummaa isaanii ifatti fincilaa waan turanii fi fincilaa waan jiraniif seena qabeessa dha.
IUOf! GGB ti!
Sadaasa 9, 2009 ABO Kutaa Iskandanaaviyaa